Finfinnee, Gurraandhala 27, 2013 (FBC)- Torbee 1 keessatti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 31 olitti tilmaamaman to’atamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.
Shakkamtoonni 17 fi konkolattoonni 16 kan meeshaalee kontiroobaandii daddabrsaa turan to’annoo jala oolaniiru.
Gurraandhala 19 hanga 25 gidduutti qofa meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 31 fi kumni 82fi 760tti tilmaamaman to’atamaniiru.
Meeshaaleen to’ataman kunneenis meeshaalee elektirooniksii,waraanaa, uffataa,nyaataa,miidhaginaa,qorichoota,maallaqaa biyyoota garagaraa dabalatee kan biroon jiraachuus himameera.
Meeshaaleen kunneenis waajjiroota damee gumurukaa kutaalee biyyatti garagaraatti argamanitti to’atamaniiru.
Hojjettoota Gumurukaan Poolisii Federaalaa fi Naannoo,Poolisii Finfinnee akkasumas hawaasa waliin ta’uun sakatta’insaa fi eeruun to’atameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna