Torban darbee meeshaalee kontiroobaandii Birri miiliyoona 127.6tti tilamaaman to’ataman

Finfinnee, Hagayya 2, 2014 (FBC) –Adoolessaa 21-28, 2014tti duulaa to’annoo gaggeessameen meeshaalee kontironaandii Birri miiliyoona 127.6tti tilamaaman to’atamuu Koomishiniin Gumurukaa Ityoophiyaa beeksise.

Koomishinichi torban tokko keessatti meeshaalee kontirobaandii galii Birri miiliyoona 118.5 fi meeshalee ba’ii Birrii miiliyoona 9 walligalaan Birri miiliyoona 127.6tti siqan waajjiraalee dame koomsihinichaa garaagaraatti to’atamuu beeksiseera.

Kanaan walqabatee namoonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 14 to’atamuu eereera.

Meeshaaleen to’ataman kunneenis, uffaannaalee, beeyladoota, elektirooniksii, buna, qorichoota, konkolaattota, kosmootiksii, meeshalee waraanaa, baala sammuu nama hadoochu, zayiita nyaataa fi maallaqoota biyyoota garaagaraa ta’uu ibsameera.

Meeshaleen kontirobaandii kunneenis waajjiraalee damee Aqaaqii Qaallitti, Finfinnee Buufata Xiyyaaraa Boolee fi Mooyaaleetti ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment