Finfinnee, Onkololeessa 11, 2014 (FBC)- Torban darbe dhugaa Ityoophiyaa hawaasa Idil Addunyaa hubachiisuuf hojii hedduun hojjetamuu Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsaniiru.
Ambasaaddarichi ibsa torbanii laataniin biyyoonni hedduun Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii agarsiisuu ibsaniiru.
Hundeeffama mootummaa haaraa hordofee biyyoonni kanneen akka Poolaand, Beeljiyeem, Fiinlaand, Sudaan Kibbaa, Chaayinaa, Veenzuweelaa, Raashiyaa, Jarman, Kooriyaa Kaabaa, fi biyyoonni biroon hooggantootaaf ergaa baga gammaddanii dabarsuu ibsaniiru.
Walga’ii 39ffaa Hoji Raawwachiistota Afrikaan haala yeroo Ityoophiyaarratti biyyootaaf ibsi taasifameera jedhan.
Ityoophiyaan rakkoo nageenyaa yeroo furuuf rood maappii haaraa kan dhiyeessitu ta’uu ibsuushees kaasaniiru.
Torban darbe ejjennoo dogoggoraa Gamtaa Awurooppaa sirreessuuf Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin dura taa’aa gamtichaa yeroosanii Ministira Ministeera Dhimma Alaa Siinooviniyaa waliin mari’achuu ibsaniiru.
Gocha badii garee shororkeessaa qaqqabsiisu ilaalchisee dhugaa jiru ibsaniiru jedhan.
Gareen shororkeessaa kun konkolaataa fe’umsaa deeggarsa namoomaa fe’anii naannicha galan waraanaaf itti fayyadamaa kan jiru ta’uu Ityoophiyaan gamtichaaf ibsuu ishee kaasaniiru.
Jila Saa’ud Arabiyaa, Israa’eelii fi Sudaan Kibbaa waliin mariin taasifamuus Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
Ejjennoo dogoggoraa gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaarratti qabatee jiru sirreessuuf hojiileen dippiloomaasii hojjetamuu ibsaniiru.
Afawarq Iyyaayyuu fi Zabiib Taklaayitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.