Finfinnee, Bitootessa 2, 2016 (FBC)- Dhiyeenya Dorgommii Fiigicha Mana Keessaa Meetira 800’n Meedaaliyaa Warqee kan argamsiistee Atileet Tsiggee Dhugumaan dorgommicharratti tooftaan fayyadamtee fi deeggarsi leenjisaa injifannoo akka galmeessistuuf tumsuu dubbatte.
Atileet Tsiggee Dhugumaan Naannoo Beenishaangul Gumuzitti kan dhalattee fi Addunyaa Atileetiksiin Giddugala Leenjii Xurunashii fi Kilaba keessatti fiigicha Meetira 200’n hirmaataa akka turte, turtii Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet waliin taasisteen ibsateetti.
Gara kilaab Baankii Dadlaa Itiyoophiyaa kan seentee Atileet Tsiggeen dorgommiiwwan Shaampiyoonaa biyya keessaa meetira 200’n hirmaachuunis injifachaa akka turte yaadatti.
Rakkoo dandeettii kan hinqabnee fi ga’umsa akka qabdullee ni dubbatti.
Fiigicha meetira 200 irra, fiigicha meetira 800 irratti hirmaachuuf fedhii argisiisuun deeggarsa leenjisaan fageenyicharratti dorgomuu eegaluu ibsitetti.
Bara darbee Shaampiyoonaa Idil Addnuyaa Beeljiyam irratti fiigicha meetira 800’n kan hirmaatte Atileet Tsiggeen, ulaagaa atileetiksii guutuun gara Iskootilaandi Gilaasgootti imalteetti.
Gilaasgoottis dorgommii fiigicha mana keessaa meetira 800’n irratti morkii jabaan Atileetota Keeniyaarraa akka mudateen eerti.
Ta’us dorgommicharratti tooftaan isheen fayyadamtee akka injifattu taasisuunii dubbatti.
“Dorgommichaarratti ga’umsa gaariin argisiisaa ture. Fuulduraarraan dursaa ture. Garuu, booda akkan humna hinfixnee fi atileetonni Keeniyaa akka na hindurfsine yaade. Boodarraa ka’uunis dorgommicha injifachuu danda’e” jetti.
Dorgommicha injifachuutti hedduu akka gammadde kan ibsite Atileet Tsiggee Dhugumaan, fuulduratti fageenyichaan Shaampiyoonaa Idil Addunyaarratti hirmaachuun alaabaa biyya ishee waltajjii addunyaarratti mirmirsiisuuf fedhii qabaachuu dubbatteetti.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.