Tomboolaan lotarii lammiin lammiif abbaa carraaf kenname

Finfinnee, Bitootessa 6, 2013 (FBC) – Tomboolaa lotarii lammiin lammiif jedhamu abbaa carraaf kennameera.
Carraan Lotorii Tomboolaa ba’ee sababoota adda addaatiin osoo abbaa carraaf hin dabarfamiin ture har’a laatameera.
Walitti qabaan Tomboolaa lotarii lammiin lammiifii obbo Mootii Morodaa namoota carraan baheefiif meeshaa isaan qaqqabe kennaniiru.
Guyyaa har’aa abbaa carraaf konkolaataan Siinoo Tiraakiin 1, konkolaataan Hayiruufiin 1, Konkolaataan fe’umsaa ‘ISUZU’n 1 fi meeshaaleen biroo kennamaniiru.
Gurgurtaa Tomboolichaarraa Birrii miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 41 walitti qabamuu ibsameera.
Biirrii miiliyoona 80n neeshaaleen carraa lotarichaaf bitamuu himameera.
Maallaqni hafe dabtara cufaatiin baankiiwwan afuritti kaayamanii lammiilee deeggarsa barbaadaniif haalli itti kennamuufii ni mijata jedhan Mootiin.
Abbaan Carraa Konkolaatoota hafanii fi mana jireenyaa hanga ammaatti kan hin dhiyaannee ta’uu isaaniin carraan kunnen gurguramuun dabtara cufaatti galii taasiisuun lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsaan kan laataman ta’uus ibsameera.
Godinaaleen naannichaa fi dhaabbileen faayinaansii tikkeettii isaa haala karooraan gurguruu dhabuu, kanneen gurguraman yeroon walitti qabuudhabuu, harca’uun koree fi haalli siyaasaa biyyattii keessa jiru lotarichi yeroo jedhame keessatti carraan isaa akka hin bane sababa ta’uu ibsameera.
Kaffaayalaw Shifarraatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment