Tola ooltummaa Gannaa baranaan dargaggoonni miiliyoonni 20 akka hirmaatan ibsame

Finfinnee, Caamsaa 8, 2015 (FBC)- Sadarkaa biyyaalessaatti dargaggoota miiliyoona 20 tola ooltummaa Gannaaf hirmaachisuuf qophiin xumuramuu Ministeerrii Dhimmaa Dubartootaa fi Hawaasummaa ibse.

Ministir Deetaan Damee Dargaggootaa Ministeerichaa Muunaa Ahimad akka ibsanitti, tajaajila tola ooltummaa Ganna baranaan waliinga’iisaa fi dhaqqabummaa isaa bal’isuun dargaggoota miiliyoona 20 hirmaachisuuf qophiin xumurameera.

Tola ooltonni dameewwan bobbii 13 irratti akka bobba’anii fi kanaanis kutaalee hawaasaa miiliyoona 51 bira ga’uuf karoorfamuu dubbataniiru.

Ashaaraa Magariisaa, dhiiga arjoomuu, haaromsa manneenii, tajaajila nageenyaa tiraafikaa daandii fi barnootaa bakka bu’iinsaa kennuun dameewwan tola ooltonni irratti bobba’an keessaa ta’uu eeraniiru.

Tajaajila tola ooltummaa Ganna baranaan tajaajilli daangaa ce’aa dameewwan ogummaa garaagaraa qabateen kan bobbaafaman ta’uu ibsameera.

“Gaarummaa Ol ka’iinsaa Ityoophiyaaf 2ffaa” mata duree jedhuun kan gaggeeffamu tajaailli tola ooltummaa baranaa, bara darbe kan hinturre dargaggoonni Naannoo Tigraay ni hirmaatu jedhameera.

Daraggoonni tajaajilcharratti hirmaachuu barbaadan filmaatawwan naannawaa isaaniitti qophaa’eef fayyadamuun hirmaannaa isaanii akka cimsan waamichi dhiyaachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment