“Tokkummaan Oromoo nageenya Oromiyaa fi biyyaatiif wabiidha” – Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC) – Tokkummaan Oromoo nageenya Oromiyaa fi biyyaatiif wabii ta’uu Abbaan Gadaa Tuulamaa fi Barreessaan Abbootii Gadaa Oromoo Goobana Hoolaan ibsan.
Abbootiin Gadaas haala duudhaa sirna Gadaa calaqqisiisuun nageenya Oromiyaaf qoodasaanii ba’achuu qabu jedhan.
Oromiyaan giddugala siyaasaa fi diinagdee biyyattii ta’uun ala naannoo kamuurra kan sabaa fi sablammoonni hundi waljaalalaan keessa jiraataniidha.
Diinni nageenya, siyaasaa fi diinagdee biyya kana laamshessuuf tooftaa salphaan Oromiyaa dirree waraanaa taasisuu hubatee xiyyeeffannaa addaatiin wixxirfataa jira jedhan.
Humnootni keessaa fi alaa, addatti Oromiyaarratti xiyyeeffachuun shira xaxaa jiran ykn warri qaamolee shira xaxan deeggaran harkasaanii Oromiyaarraa akka kaasanis gaafataniiru.
Waraana yoo ta’e Oromoon akkaataa itti waraanu, yeroo kam akka waraanuu fi yeroo kamis waraana akka dhaabu bareechee beeka jechuun ibsaniiru.
Akka sirna Gadaatti Abbaan Gadaa deeggaraa ykn mormaa paartii kamiiyyuu miti.
Seenaa keessatti Oromoon saba gootummaan beekamu waan ta’eef eenyuyyuu kallattiin humnaan saba kana cabsuu hin abbalu jedhanii, diinni tooftaa Oromoo walcabsisiisuutti fayyadamaa akka turee fi waraanni yeroo ammaa Oromiyaa keessatti aggaamames qaama tooftichaa ta’uu hubachiisaniiru.
Diinonni Oromiyaa darbees biyya saamaa turan Oromiyaa diiganii Oromoo fi biyya salphina kaleessaatti deebisuuf halkanii guyyaa wixxirfachaa jiraachuun hubatamee, mirgaa fi birmadummaasaa ofii tikfachuuf of qopheessuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii DhPI gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment