Tokkummaan ayyaana Daamaraarratti muul’ate, Irreechaarrattis irra deebi’amuu qaba -aadde Adaanach

Finfinnee, Fulbaana 18, 2013 (FBC)- Tokkummaan ayyaana Daamaraa Masqalaarratti muul’ate, kabaja ayyaana Irreechaarrattis irra deebi’amuu qaba jedhan itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen.
Aadde Adaanach nagayaan xumuramuu ayyaana Daamaraa Masqalaa fi qophii kabaja ayyaana Irreecha Hora Finfinnee ilaalchisuun ibsa laataniiru.
Akkaataa kallattii Gumiin Abbotii Gadaa Oromoo kaa’en, ayyaanichi ajandaa siyaasaa osoo hin ta’in nagayaan akka kabajamu waamicha dhiyeessaniiru.
Ayyaanni Daamaraa Masqalaa nagayaan kabajamee akka xumuramu qaamolee tumsa taasisan maras galateeffataniiru.
Irreechi akkuma ayyaana Daamaraa Masqalaa bifa tokkummaa fi gamtooma calaqqisiisen akka kabajamuu qabus yaadachiisaniiru.
Ummanni akkaataa waamicha abbootii Gadaatin vaayrasii koroonaarraa of eeggachuun akka kabajatus waamicha dhiyeessaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment