Tokkummaa Oromoo Jabeessaa Sabdaneessummaa sirneessuun Badhaadhina Ityoophiyaa milkeessuuf hojjenna -BKO

Finfinnee, Caamsaa 15, 2015 (FBC) – Tokkummaa Oromoo Jabeessaa Sabdaneessummaa sirneessuun Badhaadhina Ityoophiyaa milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa ibseera.

Ityoophiyaan biyya sabootaa, sablammootaafi uummatootaa eenyummaa, afaaniifi amantaa garaagaraa qaban, biyya hundaan hundaaf ijaaramaa jirtudha. Biyyi sabootaafi sablammoota afaan, aadaafi Amantaalee garaagaraa qaban irraa ijaaramte Itoophiyaan baroota dheeraaf hacuuccaa sirnaafi namtolchee damdaneessa ta’e jalatti kuftee cabinsa siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa hamaa keessummeessuuf dirqamte.

Saboonniifi sablammoonni Itoophiyaa hacuuccaa sirnaafi namtolchee mormuun mirga ofiin of bulchuu, gaaffii lafaafi dimokiraasii gonfachuuf qabsoo wareegama gurguddaa gaafate taasisaa turaniiru.

Saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itoophiyaa qabsoo hadhaa’aa waggoota hedduu lakkoofsise taasisuun sirnoota bulchiinsa uummata Itoophiyaa hin madaallee fi hiyyummaafi gadadoo jalatti gaadi’anii kaa’an duraa duubaan ofirraa diigaa ajandaawwan qabsoo uummattootaaf deebii kennaa mootummaa isaanii sagalee ofii isaaniitiin ijaarrachuu irra ga’anii jiru.

Mootummaan uummataa uummataan uummataaf hundaa’es waldhabdeewwan siyaasaa hunda araara biyyoolessaan hiikuuf akkasumas gaaffii sabootaa, sablammootaafi uummattootaa bu’uura heera mootummaan deebisuufi sirna federaalizimii sabdaneessa duudhaa obbolummaa irratti ijaarame jabeessuun sabdaneessummaa, aad-daneessummaafi af-daneessummaa mirkaneessuun duudhaa obbolummaan idileessee sirna dimokiraasii jabaa dhugoomsaa jira.

Sirna Federaalizimii dhugaa dimokiraasiin utubamee fi duudhaa obbolummaa irratti ijaaraa kan jiru, imala badhaadhinaa Itoophiyaa fiixaan baasuuf qabsoofi wareegamni Oromoon gama hundaan taasisaa tureefi jiru angafummaa kan qabuufi birmadummaa Itoophiyaas milkaa’inoota hedduun dabaaluun guutuu taasisaa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas injifannoo wareegama qaqqaalii kaffalameen argame kana falaasama Ida’amuun utubamee obbolummaafi wal qixxummaan mirkanaa’ee galma barbaadame akka ga’uuf xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjetaa jira.
Kanaafis, duudhaa ganamaatti deebi’uun tokkummaa keessoo Oromoo jabeessuuf xiyyeeffannoo guddaan kennameera.

Uummanni Oromoo aadaa gabbataa ilaaf ilaameen qormaata jiru hunda damdamachuu danda’u, rakkoo jiru mariin hiikuun tokkummaa keessoo isaa akka sibiilaatti jabeessuun barbaachisaadha. Bakka tokkummaan hin jirretti nageenya waaressuun, dinagdee jabeessanii biyya utubuufi obbolummaa cimsuun rakkisaadha.

Keessumaa yeroo ammaa kana uummata Oromoo tokkummaa keessoo jabaa qormaata itti aggaamamu injifachuun kabaajaafi ulfina Oromoo ceesisu danda’u horachuun dirqama ta’a. Kanaafis mootummaan Naannoo Oromiyaa guddummaa Oromoo maqaa qofaan osoo hin taane gochaan adda hunda irratti mirkaneessuuf hojiin eegale daran jabeessee itti fufa.

Kanaafis duudhaan wal danda’uu, hammachuufi michoomni Oromoon saboota biroo waliin qabu daran cimaa eenyummaan waloo biyyaalessaa akka gabbatu taasisuu irratti argama. Milkaa’ina kana cimsuufis Mootummaan Naannoo Oromiyaa keessoo Oromootti nageenyi, misoomniifi aadaan ilaaf ilaamee akka ititu tokkummaa uummata keenyaa daangaa hanga daangaatti jabeessuu, dhimma waloo Oromoo garaagarummaan akka hin jiraanne dhaloota kan darbe xiinxalee har’a hubatee egeree tilmaamuu danda’u, dhaloota madaala eenyummaa sabummaafi tokkummaa biyyaalessaa eegee biyya jabduu badhaadhina hundagaleessa mirkaneeffatte ijaaruuf xiyyeeffannoo guddaan hojjechuu irratti argama. Waan ta’eef qaamoleen siyaasaa, dhaabbileen siivikii, hayyoonni Oromoo dhimma waloo sabaafi tokkummaa keessoo jabeessuu irratti garaagarummaa tokko malee hojjechuun nageenya naannoo keenyaafi biyyaa waaressuun araarri biyyaalessaa akka milkaa’u gahee isaanii akka bahan waamicha dhiyessina.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Caamsaa, 2015

Finfinnee

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment