Tokkummaa Ityoophiyaanootaa fi Ogummaa Hoggansaa olaanaan humnoota diinaa bittinneessuun danda’ame – TKM

Finfinnee, Sadaasa 30, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT moo’atamuu cimaa irra qaqqabe ololaan uwwisuu kan hin dandeenye ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
Ministirri Tajaajila Kominikeshinii Mootummaa Dooktar Laggaasaa Tulluu haala yeroo ilaalchisee ibsa laataniiru.
Duula Tokkummaa Sabdaneessaan Ityoophiyaa fi Ityoophiyummaan akka injifatan sochiin taasiifamuu ibsaniiru.
Tokkummaa Ityoophiyaanootaa fi Ogummaa Hoggansaa olaanaan humnoota diinaa bittinneessuun danda’amuu himaniiru.
Naannoon Afaar, Godinni Addaa Saba Oromoo, Shawaan Kaabaa fi iddooleen biroo guutummaa guutuutti harka diinaa jalaa bilisoomuu kaasaniiru.
Akkasumas Kibba Walloo Magaalaa Dassee fi Kombolchaa dabalateen Kaabni Walloo Laallibaa fi iddooleen biroo hedduun harka diinaa jalaa bilisoomuu Dooktar Laggaasaan ibsaniiru.
Iddooleen hafan biroo yeroo dhiyootti kan bilisooman ta’uu eeraniiru.
Garichi kisaaraa irra qaqqabe olola sobaan uwwisuu hin dandeenye jedhan.
Garichi yeroo ammaa injifatamuu isaa hordofee walqoodaa fi mormiin ummataa isaa qunnamaa jiraachuu eeraniiru.
Iddoolee bilisoomanitti bu’uuraa misoomaa barbadaa’anii hojiin deebisaanii ijaaruu fi caasaa mootummaa deebisanii gurmeessuu hojjetamaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Kominikeshinii Mootummaa Dooktar Laggaasaa Tulluun dubbataniiru.
Iddoolee garichi weeraree turetti awwaalchi jumlaa argamuu himaniiru.
Hojiin deebisanii ijaaruu kun humna mootummaa qofaan kan uwwifamu waan hin taaneef dhaabbileen deeggartootaa, hawaasni, Michuuwwan Ityoophiyaa fi kanneen biroo deeggarsa taasiisuu akka qaban gaafataniiru.
Tarkaanfii garee shororkeessaa shanee irratti fudhatamaa jiruun nageenya naannoo Oromiyaa mirkaneessuun danda’amuu kaasaniiru.
Hawaasni qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun garicharratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuu ibsa laataniin eeraniiru.
Waraanni gaggeeffamaa jiru ammas waan hin xumuramneef tumsi ummataa cimee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
Afawarqi Iyyaayyuu fi Firehiyiwat Saffiitu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment