Tokkummaa fi tumsaan yoo hojjenne bu’aan argamu gaarii ta’uu Injifannoon atileetotaan argame barumsa – TKM

Finfinnee, Hagayya 23, 2015 (FBC) – Tokkummaa fi tumsaan yoo hojjenne bu’aan argamu gaarii ta’uu Injifannoon atileetotaan argame barumsa ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa injifannoo Atleetoonni Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 19ffaa Hangaarii Magaalaa Budaapeesitti galmeessan ilaalchisee ibsa laateera.

Injifannoo argame caalmaatti hojiin gareen hojjetame Itiyoophiyaanoota kan boonse ta’uu tajaajilichi ibseera.

Atleetoonni Itiyoophiyaa Budaaspeesitti seenaa hojjechuu kaaseera.
Keessattuu hojiin garee dubartoota biratti mul’ate kan dinqisiifamu ta’uu fi Itiyoophiyaa kan boonse ta’uu kaaseera.

Tokkummaa fi tumsaan yoo hojjenne hojii dinqii hojjechuu akka dandeenyu agarsiiftuu ta’uu himeera.

Bu’aan argame dorgommii Olompikaa bara dhufu gaggeeffamuuf muuxannoo gaarii ta’a jechuun ibseera.

Hunda caalaa haalli injifannoon itti argame waloon kan nu boonse, tokkummaa biyyaa kan agarsiise injifannoo seenaa qabeessa ta’uu himeera.

Sadarkaa addunyaatti biyya bakka bu’uun injifannoo galmeessuun gochaa daraan nama gammachiisu ta’uu eereera.

Qormaata yeroo mudatu dandamachuun biyya cimtuu damee adda addaatiin injifattuu ta’uu ishee addunyaatti agarsiisuun gama hundaan cimtee itti fufuu akka qabu ibseera.

Seenaan injifannoo damee Ispoortiin dhalootaa dhalootaatti ce’aa dhufe cimee akka itti fufu qaamni dhimmi ilaallatu hundi qooda isaa ba’uu akka qabu gaafateera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment