Tokkummaa cimsuun waraanaa ABUT bane fashaleessaa biyyaa bu’uuressuu barbaachisa-Obbo Ordiin Badirii

Finfinnee, Qaammee 5, 2014 (FBC) – Tokkummaa cimsuun waraanaa garee shororkeessaan ABUT bane fashaleessaa biyyaa bu’uuressuu barbaachisa jedhan Pireezidaantiin naannoo hararii Obbo Ordain Badiriin.

Naannoo Harariitti guyyaan tokkummaa mata duree “Yoo waltaane miidhagna” jedhuun sagantaalee garaagaraatiin kabajameeera.

Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii, barbaachisummaan tokkummaa Itoophiyaannni kan hubatan ta’uu fi tokkummaa cimsuun gareen shororkeessaa ABUT fi diinonni alaa waraana nurratti banan fashaleessuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Dabalataaniis garaagarummaa sabaa, amantaa, aadaa fi eenyummaa madda cimina tokkummaa taasifachuu qabnas jedhaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaatiif deeggarsaa fi kabaja malu kennuu qabna kan jedhan perezdaantichi deeggarsa taasisaa jirru cimsuu qabnas jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment