Tokkoon tokkoon keenya isa kan biraaf waardiyyaadha- MM FDRI Dooktar Abiy Ahimad

 
Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) ––Tokkoon tokkoo keenya isa kan biraaf waardiyyaadha jedhan Ministirri Muumee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
 
Waamicha ‘Soorata Walii Qooduu’ torbeewwan muraasa dura darbeef deebii kennuudhaan obbolaan lama soorata qofaa utuu hin ta’iin namoota 100 ta’an hojii humnaatiin jiraatanii fi sabab ‘COVID-19’n jiruun isaanii miidhameef bakka jiraatan qopheessuu isaanii dhaga’ee baayy’een gammade jedham Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
 
Obbolaan kunneen manichi utuu kan isaaniillee hin ta’iin mana kireeffatan keessatti balbala isaanii fi jireenya isanii warra rakkataniif bananii soorataa fi mana isaanii qoodaniiruufis jedhan Dooktar Abiy.
 
Gochi isaanii dhugumaan kan garaa nama qabbaneessudha jedhan.
 
Obbolaa lamaan qofa utuu hin ta’iin kan biroonis utuu ifa hin baasiin warri gaarummaa fi arjummaa hojii isaanii hoggayyu godhatan jiraachuun isaanii haphee cimaa hawaasa keenya tokko godhudhas jedhaniiru.
 
Tokkoon tokkoon keenya isa kan biraaf waardiyyaadhas jedhan Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad
Fuula feesbuukii isaaniratti ergaa dabarsaniin.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment