Tokkoon keenya isa biraatiif gufuu osoo hin taane daandii milkaa’inaa ta’uu qabna-Preezdaant Shimallis Abiisaa

Finfinnee, Amajjii 10, 2013 (FBC) –Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa  Hordoftoota amantaa Kiristaanaa hundaaf baga Ayyaana Cuuphaa bara 2014tiin nagaan geessan jedhaniiru.

Guutuun ergichaa akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Yohaannis   dhufaati Yesuus Kiristoosiif karaa qopheessuuf, namootni qalbii akka jijjiirratan barsiisaa ture.   Kan uffata lama qabu isa  daareef  tokko akka arjoomu, qabaataan kan beela’e akka beela baasu, looltoonnii fi bulchitoonni qajeeltummaa fi amanamummaan saba isaanii akka tajaajilan barsiisaa ture. Kunis mallattoon namoomaa waliif ooluu, waliif nahuu, inni isa biraatiif jiraachuu ta’uu isaa dhala namaa barsiisee jira. Yesuus Kiristoos harka Yohannisitti cuuphamuun  kiristaanoota biratti mallattoo fayyinaa fi qalbii jijjiirannaa  ta’ee fudhatama.  Kanaafuu ayyaanni Cuuphaas akka ayyaana jijjiiramaa fi jalqabbii jireenya haaraati ilaalama.

Cuuphaan mallattoo jireenyaa haaraati. Namni cuuphaa argate tokko, cubbuu Addaam irraa bilisoomee, Waaqa waliin araaramee haaraa ta’a jedhame amanama.  Kun dhala namaatiif fakkenyummaa guddaa qaba. Akkuma waaqayyoon cubbuu keenya dhiifamaan nurraa haqu sana, nutiis waliif dhiifama gochuu qabna. Jibbaa fi haaloo caalaa jaalalaa fi tokkummaa dagaagsuu qabna.  Tokkoon keenya isa biraatiif gufuu osoo hin taane daandii milkaa’inaa ta’uu qabna.   Maddi qulqullumma fi ka’umsi fayyinaa qalbii jijjiirannaa dha jedhamee akkuma barsiifame, yeroon kun waa hunda caalaa ummata keenya qajeeltummaadhaan tajaajiluuf   yeroo qalbii  itti  jijjiiranu ta’uu akka qabu hubachuun barbaachisaadha.

Dhufaatii Yesuus dura, kan qabu isa dhabeef daaraa fi beela yaa baasu jedhee akkuma Yohaannis barsiisaa ture sana, ayyaana kana yommuu kabjanu lammiilee keenya sababa waraanaa fi balaa uumamaatiin miidhaman dagachuu hin qabnu.  Harki keenya arjooma bareen kan daare daara yaa baasnu. Kan beela’e beela yaa baasnu. Jiraachuun keenya jireenya kanneen birootiif gammachuu ta’uu caalaa fayyinni hin jiraatu.

Akkuma sabni bal’aan ayyaana fayyinaa fi jireenya haaraa kanaaf walitti dhufu, hamtoonni cubbuu baran  hammeenyaaf bobba’uu danda’u. kanaaf, ayyaana kana kabajuuf yommuu baanu hunda caalaa nagaa waloo keenyaaf tumsuu qabna. Haalootaa fi sochiiwwan shakisiisoo ta’an yommuu agarru qaama nageenyaatiif eeruu laachuun nagummaa ayyaanichaatiif waan nurraa eegamu hunda taasisuu qabna.

Hordoftoota amantii kiristaanaa hundaan irra deebiidhaan baga ayyaana Cuuphaatiin nagaan geessan; ayyaana jaalalaa fi tokkummaa isiniif haata’u jechuun barbaada.

Shimallis Abdiisaa Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Amajjii 10, bara 2014

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment