To’annoon qoricha ‘Tiraamadool’ cimuufi

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2015 (FBC)- Qoricha ‘Tiraamaadool’ jedhamurratti to’annoo cimsuuf akka ta’e Abbaan Taayitaa Qorichaa fi Nyaataa Ityoophiyaa beeksise.

Abbaan taayitichaa itti fayyadama qorichichaarratti ibsa kenneen, ajaja ogeeyyiin ala dargaggoonni hedduun ‘dhukkubbi obsiisuuf’ sababa jechuun seeraan ala akka itti fayyadaman eeruun qaqqabuunii beeksiseera.

Qorichichi qorichoota ajaja ogeessaa malee bitaman keessaa tokko ta’uu ibsuun, qorichichi araada kan nama qabsiisu ta’uu tilmaama keessa galchuun qorichicha qorichoota ajaja ogeessa malee kennamaan keessa baasuuf hojiilee garaagaraa hojjechaa turuu ibseera.

Kanaafis, yaaddoo haala itti fayyadamaa qorichichaa tilmaama keessa galchuun to’annoo cimaan kan irratti gaggeeffamu ta’uu ibseera.

Qorichichi damee fayyaa biroof qoricha bu’uuraa ta’uun kana booda waraqaa ajaja addaan kan kennamuu fi ajaja qorichichaarrattis to’annoon akka gaggeeffamu ibseera.

Dhaabbileen gurgurtaa qorichootaa, dhaabbileen fayyaa itti fayyadamaa qorichichaarratti yeroo yeroon akka gabaasan ni taasifama jedheera.

Abbaan taayitichaa qorichicha seeraan alaa qaamolee gurguran, raabsanii fi itti fayyadaman irratti tarkaanfii seeraa akka fudhatus beeksiseera.

Qiddisti Abaataatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment