To’annoon daldala seeraan alaa qoricha farra ilbisaa fi aramaa gaggeeffamaa jira-BQO

Finfinnee, Hagayya 7, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaaatti daldala seeraan alaa qoricha farraa ilbisaa fi aramaa irraatti to’annoon gaggeeffama jirachuu Biiroon Qonnaa oromiyaa beeksise.

Sochiin hojii warshaa oomisha qoricha Farraa Ilbisaa Adamii Tulluu dawwatameera.

Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Dajanee Hirphaa akka jedhanitti qonnan bultoonni omishaa qoricha farra aramaa fi ilbiisaa biyya keessaa akka fayyadaman hojiin beeksisuu fi hubannoo uumuu barbachisaa ta’uu kaasan.

Dabalatan daldala seeraan alaa qoricha farra ilbisaa fi aramaa irraatti to’annoon cimaan gaggeeffamaa jirachuu dubbataniiru.

Hojii Gaggeessaa Olaanaan Koorporeeshinii Keemikaala Itoophiya Dooktor Injinar Hundeessaa Dassaalany, gama isaaniin omishaa fi omishtummaa qonnaan bultootaa dabaluuf, koorporeeshinichi omishaa keemikaalaa 22 biyya keessatti omishuu fi warshaa xaa’oo ijaarsisaa jiraachuu ibsaniru.

Warshaa oomisha qoricha Farraa Ilbisaa Adamii Tulluu waggaatti qoricha farra ilbisaa fi aramaa dhangala’aa liitira miliyoona 2 fi kanneen biroo kan oomishu ta’uun ibsameera.

Miidhaksa Qachaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment