To’annoo Nageenyummaa qorichaa mirkaneessuu keessatti hawaasni akka tumsu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Adoolessa 19, 2016 (FBC)- Nageenyummaa qorichaa mirkaneessuuf to’annoo gaggeeffamu keessatti hawaasni akka tumsu Abbaan Taayita Nyaataa fi Qorichaalee Itiyoophiyaa waamicha dhiyeesse.

Abbaan taayitichaa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin to’annoo nageenyummaa qorichaalee gaggeessaa jiraachuu beeksiseera.

Hoji Raawwachiisaa Dursaan Yaalii Wal’aansaa fi To’annoo Nageenyummaa Qorichaalee Asnaaqach Alamuu akka ibsanitti, nageenyummaa qorichaalee mirkaneessuuf to’annoo taasifama keessatti ogeeyyiin fayyaa fi hawaasni fayyadamaan gahee olaanaa qaba.

Haaluma kanaan to’annoo fi hordoffii nageenyummaa qorichaalee dhaabbilee fayyaatti taasifamuun cinaatti hawaasni itti gaafatama irraa eegamu akka bahatu gaafataniiru.

Namni kamuu wayita qorichi ajajamuuf odeeffannoo waa’ee qorichichaa ogeeyyiirraa gaafatee hubachuu akka qabu hubachiisan.

Akkasumaas qoricha fayyadaman miidha cinaa yoo qabaatee fi wayita mudatuttis gara ogeessaa deemuun beeksisuu akkasumaas gorsaa fi wal’aansa barbaachisaa sirnaan hojiirra oolchuu akka qabu akeekuu ragaan Abbaa Taayitichaarra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment