To’annoo daldala seeraan alaa gaggeefameen Birrii biiliyoona 84 baraaruun ibsame

Finfinnee, Hagayya 7, 2015 (FBC)-Hojiilee daldaala seeraan alaa fi kontirobaandii to’achuu qindoominaan hojjetameen biyyi dhabuuf kan turte Birrii biiliyoona 84 ol baraaruun akka danda’ame ibsame.

Bara baajataa darbetti hojiilee to’annoo fi ittisa kontirobaandii fi daldala seeraan alaa ilaalchisuun Koomishiniin Gumurukaa, Ministeerri Galiiwwanii, Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsaa Naannawaa, Koomishiniin Poolisii Federaalaa fi Ministeerri Haqaa marii gaggeessaniiru.

Maricharratti, Koomiishinarri Koomishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataan, kontirobaandii fi daldalli seeraan alaa miidhaalee damee hedduu qaqqabsiisaa ittisuuf koomiishinichi dhaabbilee garaagaraa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiilee qindoominaan hojjetamaniinis daldala seeraan alaa fi kontirobaandiin qabeenya biyyi dhaabuuf turte Birrii biiliyoona 84 ol baraaruun akka danda’ame himaniiru.

Daayrektarri Ittisa Kontirobaandii fi Intalajansii Koomishiniii Gumurukaa Obbo Taganee Darrasse gama isaaniin, daddabarsa kontirobaandii geejjibaa lafarraan gaggeeffamutti dabalataan gama Daandii Qilleensaan gaggeeffamu rakkocha daran walxaxaa fi yaaddessaa taasisuu ibsaniiru.

Kanaanis bara baajataa 2015 Waajjira Gumurukaa Damee Daandii Xiyyaaraatti meeshaaleen kontirobaandii galii Birrii biiliyoona 2.8 ol to’atamuu dubbachuu ragaan Koomishinii Gumurukaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment