Tiyaatirri “Walaabuu” Eebbifame

Finfinnee, Hagayya 4, 2016 (FBC)- Tiyaatirri mata duree “Walaabuu” jedhuun qophaa’e Magaalaa Finfinnee Galma Tiyaatira Biyyaalessaatti eebbifameera.

Sirna ebbaa tiyaatirichaarratti keessummoonni garagaraa fi daawwattoonni argamaniiru.

Tiyaatirichi Moo’ataa Abdulmaajiidin kan barreeffame yoo ta’u, seenaa fi duudhaa uummata Oromoo kaleessaa fi har’a kan hammate ta’uu ibsan.

Sirnoota darban keessatti dhiibbaawwan uummata Oromoo irra turan kan mul’isu yoo ta’u, Oromoon maal keessa akka darbee as ga’e argisiisas jedhameera.

Dabalataanis ummanni Oromoo walitti bu’iinsa kamuu marii fi marabbaan furutti kan amanuu fi araaran xumuruutti kan amanu ta’uu kan calaqqisiisu ta’uu dubbataniiru.

Mulugeetaa Girmaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment