Tiyaagoo Siilvaan Cheelsiitti makame

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Taphataan sarara ittisaa lammiin Braaziil Tiyaagoo Siilvaan kilaba Ingiliiz Cheelsiif mallatteessuu himame.
 
Tiyaagoo Siilvaan waliigaltee koontiraataa waggaa tokkoon kilaba dhiha Landan Cheelsiif mallattoo isaa kaa’eera.
 
Cheelsiin taphata sarara duubaa kana jijjiirraa bilisaan kilaba Faransaay ‘PSG’ irraa fudhateera.
 
Taphataan sarara ittisaa Braaziil umrii isaa waggaa 35ffaatti Cheelsitti makameera.
 
Tiyaagoo Siilvaan taphattoota ganna kana Cheelsiif mallatteessan 4ffaa ta’eera.
 
Tiim Weernar, Hakiim Zaaychii,  fi Been Chiilweel Siilvaa dursuun taphattoota Istaamfoord Briij ga’aniidha.
Malaang Saaris jijjiirraa bilisaan Cheelsitti makamuuf waliigateerra ga’eera
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment