Tiwuutariin barreeffama Tiraamp waa’ee sagalee kennuu barreessan duraa dhokse

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (FBC) – Tiwuutariin barreeffama Tiraamp waa’ee sagalee kennuu barreessan duraa dhokse.

Dhaabbanni Tiwuutarii sagaleen filannoo Ameerikaa kennamuuf sa’aatiin muraasa osoo hafuu barreeffama Tiraamp waa’ee sagalee kennuu barreessan duraa dhokse.

Tiraamp poostaann bulchinsa Pensalveeniyaa akka dhaqqabuuf Manni Murtii Waliigalaa yeroo dabalataa kennuun ‘‘baay’ee hamaadha’’ jedhanii barreessan.

Kunis, ‘‘hanna hin sakatta’amnee fi bal’aa’’ ta’ef saaxila jedhan. Haa ta’u malee, yaadi isaanii waa’ee filannoo postaan kennuurratti dubbatan kan mirkanaa’e hin turre.

Fesbuukiinis ergaa preezdantichaa qorachuun akeekkachiisa kenneera.

Barreeffamni Tiraamp tiwuutara irratti akka hin mul’anne ta’eera. Qabiiyyee barreeffamichaas ‘‘dogongorsiisuu danda’a’’ jedheera.

Tiwuutariin tarkaanfii walfakkaataa kana dura barreeffama Tiraamp irratti fudhateera.

Tiraamp dabalataan murteen mana murtii ‘‘hookkara’’ uuma jechuun ‘‘wanti tokko dalagamuu qaba’’ jedhan.

Fesbuukiin garuu akka tiwuutaraa barreeffama Tiraamp hin dhoksine ykn akka hin mul’anne hin goone. Garuu, akeekkachiisa jalatti barreesse.

Dorgomaan Tiraamp, Jooy Baayidan sa’aatii muraasa osoo sagalee kennuun hin eegaliin dura namoonni akka filatan yaadachiisaa oolan.

Filannoo Ameerikaan hanga ammaa namoonni hedduu sagalee kennaniiru. Hedduun isaaniis poostaadhaan sagalee kennan.

Haa ta’u malee, poostaan hunduu bakka itti lakkaa’amutti yeroon hin dhaqqabu isa jedhuurratti yaaddoofi waldhibdeetu jira.

Manni murtii Waliigalaa US guyyaa sagalee poostaadhaan kenname fudhachuuf guyyoonni muraasaa akka dabalamu murteesse.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

Comments (0)
Add Comment