Tiwiitarri Asxaa isaa Simbira ture “X”tti jiijjiire

Finfinnee, Adoolessa 18, 2015 (FBC)- Dhaabbanni miidiyaa hawaasummaa Tiwiitarri mallattoo isaa beekamaa simbira cuquliisa irraa gara mallattoo “X”tti jijjiiru beeksise.

Mallattoon duraanii Tiwiitarri ittiin beekamu Simbiraa Cuquliisi mallattoo “X” adiin barreeffame, duubaan gurraachaa ta’e, appilikeeshinoota moobaayilii, neetiwoorkiiwwan miidiyaalee hawaasummaa dhaabbatichaarratti bakka buufamuun mul’ifamaniiru.

Tiwiitarri fi maxxansaaleen miidiyaa hawaasimmichaarratti maxxanfamanillee mallattoo ‘X’n bakka buufamuu Abbaan Qabeenyaa Dhaabbata Tiwitaaraa Eloon Maaski beeksiseera.

Abbaan qabeenyichaa akka ibsetti, appilikeeshinii jabaa fi beekamaa ta’ee “X” jedhamuun, marsaalee miidiyaa hawaasummaa haaraa uumuuf akka jiru baatiiwwaniin duraa ibsuu eegaluun kan yaadatamuudha.

Mallattoo Tiwiitaraa jijjiiruun karoorfamee erga turees bubbuluun himameera.

Hoji Gaggeessituun Haaraa Dhaabbatichaa abbaa qabeenyichaan muudaman Lindaa Yakarinoon, jijjiiramuun asxaa Tiwiitaraa carraa haaraa akka qabuu fi daandii quunnamtii namootaa kan jijjiiruudha jechuun ibsuu isaanii BBC’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment