Tiraamp qindeessituu duula filannoosaa kan turte Suuzii Waayils hoggantuu Waajjira Waayit Haawus taasiisuun muudan

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2017 (FBC) –Doonaald Tiraamp duula filannoosaa qindeessuun kan milkoofte Suuzii Waayils hoggantuu waajjira Waayit Haawus taasisuun muudaniiru.

Haadha iccitii fi Tarsiimoo jedhamuun kan beekamtu Suuzii Waayils Itti-gaafatamtuu Waajjira Waayit Haawus taasiisuun muuduun Tiraamp aangoo gurguddaarratti namoota tibba kana ni muudu jedhamanii eegaman keessaa ishee tokko.

Suuzii Waayils aangoo olaanaa Waayit Haawus argachuun dubartii jalqabaa ta’uu ibsameera.

Suuzii Waayils, guyyoota 73 booda Waayit Hawuus kan seenaan Doonaald Tiraampiif gorsituu Imaammataa fi hojmaata guyyaa guyyaa ta’uun tajaajilti jedhame.

Waayils duula filannoo keessatti qooda olaanaa kan baate dubartii cimtuu, qaruuxee fi haadha kalaqaa ta’uu ishee Doonaald Tiraampi erga mudama kennanii booda hawaasa taasiisaniin ibsuu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment