Tiraamp filannoo Ameerikaa 2020 injifatamuusaanii amanuu diduun qaaniidha- Baayidan

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC)- Tiraamp filannoo Ameerikaa 2020 injifatamuusaanii amanuu diduun qaaneessadha jechuun Joo Baayidan ibsaniiru.
Sanbata darbee filannoo preezdaantumma Ameerikaa kan mo’ataan Joo Baayidaaan, hoggantoota biyyota addunyaa waliin walqunnamuusaanii dubbataniiru.
Tiraamp garuu bu’aa filannichaa hin fudhanne.
Miidiyaalee hedduun mo’achuu Joo Baayidan ifoomsaa jiru.
Haa ta’uu malee Tiraamp filannichaa akka mo’ataan fuula miidiya hawaasumma isaaniitin ibsaniiru.
Sagaleen ammallee guutuumma guutuutti lakka’amee osoo hin xumuramiin, waggoottan 4tti kan gaggeeffamuu fulannoo preezdaantumma Ameerika miidiyaaleen biyyatti kan mo’atee amalaa dursaanii tilmaamuun qabu.
Kanarratti hundaa’ees hoggantoonni biyyoota addunyaa hedduun Joo Baayidaniif erga baga gammaddanii dabarsaniiru.
Ta’us bu’aa filannoocha baatii tokko booda akka ifoomuu ibsameera.
Joo Baayidan adeemsi Doonaald Tiraamp dhaala preezdaantumma itti hin fufsiisuu jedhaniru.
Kun hundi guyyaa dhumaatti jechuunis guyyaa Tiraamp harka aangoo fuudhan bu’aan filannichaa ni mirkana’aa jedhaniiru.
Maddi:-BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment