Tiraamp filannichi waliin dha’ameera jechuun himanni dhiyeessan fudhatama dhabe

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC)- Aanga’oonni federaalaa filannoo Ameerikaa nageenyii filaannoo preezdaantummaa 2020 seenaa Ameerikaa keessaatti caalmaan filannoo eegameedha jedhaniiru.

Adeemsi filannichaa ilaalchisee anga’oonni isaan ilaallatu Doonaald Tiraamp iyannoo filannichi waliin dha’ameera jedhan  fudhatama dhabsiiseera.

Sirni filanniichaa haqamuu, sagaleewwan dhokfaman jiraachuu, jijjiirraan sagalee jiraachuu fi kara kaminiyyuu filannicha waliin dha’uuf waliigalteen taasifame akka hin turree kan agarsiisuu ragaan hin argamne jedhaniiru.

Yaadni aanga’oota kunneeni kan dhaga’amee Doonaald Tiraamp raga qabatamaa malee sagaleen miiliyoonni 2.7 haqameera jechuun tibba darbee erga dubbatanii boodadha.

Adeemsa preezdaantummaa Ameerikaa qaamni hogganuu ifaa taasisuu baatus miidiyaleen idil addunyaa Joo Baayidaan mo’achuusaanii ibsaniiru.

Yaa ta’u malee Doonaald Tiraamp filannichii osoo hin gaggeefaminis ta’ee erga gaggeefame booda waliin dha’amuu ibsaa turaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment