Tiraamp deeggartootasaanii ilaaluuf hospitaalaa bahuun alatti mul’atan

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) Tiraamp deeggartootasaanii ilaaluuf hospitaalaa bahuun alatti mul’atan
 
Erga Doonaald Tiraampii fi haatii warraa isaanii Covid-19n qabamunsaanii dhagahamee kaasee, haalli fayyina Doonaald Tiraamp mata-duree ijoo addunyaa ta’eera.
 
Kanaafis sababii inni guddaan dhiibbaa dhukkubsachuun isaa filannoo dufaa jiru irratti qabaatuudha.
 
Imaammanni namni filannoo Ameerikaatiin mo’atu tokko hordoofuus kallattii hedduun carraa biyyoota addunyaa kan murteessuudha.
 
Sababii kanan wal qabatee dhimmi fayyaa Tiraamp hedduu biratti xiyyeeffannaan kan hordofamuuf.
 
Haata’uti, osoo haalli fayyaa Tiraamp ilaalchisee oduuwwan garaa garaa dubbatamaa jiruu, innis ammoo konkolaataa gur’aachaan suufii fi maaskii kaawwachuun hospitaalaan ala bahee mullachuunsaa addunyaa dinqisiiseera.
 
Hospitaalaa kan bahanis deggartoota isaa akka fayyaa ta’aniif hawwanii fi nagaa gaaffachuufi dinqisiifannaa isaa ibsuuf.
 
Haaluma kanaanis konkolaataan inni keessa ture mooraa hospitaalichaan alatti asii fi achi wayita deedeebiitu mallate jirti.
 
Gochaan Tiraamp kun ammoo namoota tokko tokkoo aarseera.
 
Konkolaachiisaa fi eegdoonni Tiraamp waliin turan adda of baasanii turuu qabaatu jedhameera.
 
Sababiinsaas nama vaayrasichaan qabame waliin konkolaataa tokko keessa taa’aan isaan saaxila waan ta’eef.
 
Hojjettoota hospitaala Tiraamp keessatti wallaanamaa jiru osoo hin hafiin gocha isaa kana qeeqaniiru.
 
Dooktar Jams Filiip, Yuunvarsitii Joorji Waashingitanitti oqeessi dhukkuboota yeroo tasaa tiwuutara irratti akka barreessanitti, ”konkolaataan Tiraamp rasaasaa irraa ittisa ta’a malee vaayrasii hin ittisu.
 
Namoonni isa waliin konkolaataa keessa turan balaaf saaxilamaniiru,” jedhaniiru.
 
Kanaafuu, namoonni kunneen guyyoota 14 dhufaniifi adda of baasuun erga turanii qoratamuu qabaatu jedheera.
 
Tiraamp garuu osoo konkolaataa keessaa hin bu’iin harka raasuun deeggartootaatti nagaa dhaamaniiru.
 
Tiraamp Wiixata waaree booda gutummaatti hospitaalaa bahuun gara manasaa kan Waayiit Hawusiitti deebi’uu danda’a jedhamee eegama.
 
Tiraamp hoogganaa dhimma Covid-19 irratti qoosaa turanidha. Umuriifi furdinni isaanii ammoo erga vaayrasichaan qabamee booda lubbuuf akka sodaatamu taasisee ture.
 
Maddi:- BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Comments (0)
Add Comment