Finfinnee, Sadaasa 17, 2017 (FBC) – Doonaald Tiraamp aangotti deebi’aanii guyyoota muraasa keessatti Chaayinaa, Meeksikoo fi Kaanaadarratti taarifa haaraa kan murteessan ta’uu beeksisaniiru.
Pireezidaantii Ameerikaa 47ffaa ta’uun kan filataman Doonaald Tiraampi godaansa seeraan alaa fi daddabarsa baala sammuu namaa adoochuu to’achuuf taarifa haaraa kana kan murteessan ta’uu ibsaniiru.
Meeshaalee Kaanaadaa fi Meeksikoorraa gara Ameerikaa galanirratti ajaja taarifa haaraa % 25 kaa’u kan dabarsan ta’uu eerameera.
Meeshaalee Chaayinaarraa galanirra ammoo % 10 taarifa haalaa kaa’uuf ta’uu himameera.
Murtoon kun tumsa daldalaa Ameerikaan biyyoota kanneen waliin qabdu muddama keessa galchuu danda’a jedhame.
Yaadni murtoo Tiraampi dhugaa jiruun kan wal faallessu ta’uu Ameerikaatti Embaasiin Chaayinaa ibsuu BBCn gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia