Tiraakteroonni 22 qonnaan bultoota naannoo Tigraayiif dabarfaman

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2016 (FBC) – Tiraakteroonni 22 qonnaan bultoota naannoo Tigraayiif dabarfamuu ibsameera.
Tiraakteroonni tajaajila hojii qonnaaf oolaan 22 qonnaan bultoota naannoo Tigraayiif dabarfamuu Inistiityuutiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa ibseera.
Tiraakteroonni kunneen Birrii miiliyoona 71 oliin kan bitaman ta’uu Inistiityuutii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaatti Hojii Gaggeessaan Damee Naannoo Tigraay Dooktar Abrahaa Kiidaanemaariyaam ibsaniiru.
Qonnaan bultoona aanaalee 6 keessatti Kilaasteraan gurmaa’aaniif liqii yeroo dheeraan kan kennaman ta’uu himaniiru.
Tiraakteroonni kunneen qonna naannichaa ammayyeessuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay Dooktar Iyyaasuu Abrahaan dubbachuu TOI gabaaseera.
Comments (0)
Add Comment