Tiraaktaroonni qonnaa 950 qonnaan bultootaaf dabarfameera
Finfinnee, Eebila 29, 2013 (FBC)- Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa qonnaan bultootaa fi dargaggootaaf tiraakteroota ammayyaa Joon Diir 950 Kennera.
Tiraakterri 950 marsaa kanaan kan kennamu yoo tahu, Qonnaan bultoonni 327 fi dargaggoonni 173 Kanneen qusannoo barbaachisu xumuratan guyyaa har’aa Magaalaa Shaashamanneetti furtuu tiraaktera kanneeni Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa harkaa fudhataniiru.
Dargaggoonni Tiraakteera kana fudhatanis qusannaa % 20 kanneen qusatan yoo ta’uu,% 80 ammoo Mootummaatu uwwisee jedhameera.
Akka Naannoo Oromiyaatti Kilaasteera Misooma Baadiyaatiin Inisheetiiviwwan 15 jiran keessaa makaanizeshiniin qonnaa isa tokkodha kan jedhan Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, Qindeessaan kilaastera misooma Baadiyaa Dooktar Girmaa Amantee,Tiraakterri har’a kenname kun kaayyoo mootummaan naannoo Oromiyaa qonna ammayyeessuuf qabate gariin galmaa kan ga’u ta’uu dubbataniiru.
Bara 2012 fi 2013 qonna gannaatiin akka naannoo Oromiyaatti lafa hektaara miiliyoona 6.3 misoome keessaa % 20 qofaatu Makaanizashiniitiitti fayyadame jedhaniiru.
Kanaan dura mootummaan naannoo Oromiyaa tiraaktera qonnaa ammayyaa’aa Gosa Joon Diir kan Magaalaa Shaashamanneetti Qindaa’e 737 akkasuma qonnaan bultootaa fi dargaggoota waldaan ijaaramaniif kennuun isaa ni yaadatama.
Dooktar Girmaan waarshaan Qindeessaa Keenyaa Magaalaa Shaashamanneetti argamu Waggoottan shanan dhufanitti tiraakterootaa fi kombaayineroota ammayyaa fi meeshaalee qonnaa kanneen biroo biyya keessatti oomishuun qonnaan bultoota biraan ga’uuf kaayyeffatee hojjechaa akka jiru Dooktar Girmaa Amantee Dubbataniiru.
Sirna kanarratti Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee ,Ministiirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen akkasumas Hooggantoonni Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Oromiyaa argamaniiru.
Tiraakteeroonni Guyyaa har’aa kennaman itti fayyadama makaanizeshinii qonnaa Naannoo Oromiyaa gara % 30tti ol guddisa.
Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.