Tigraayitti manneen barnootaa kumni1 f fi 200 ol barnoota idilee eegalan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2015 (FBC) – Naannoo Tigraayitti manneen barnootaa kumni1 f fi 200 ol barnoota idilee eegaluu Biiroon Barnootaa bulchiinsa yeroo naannichaa beeksiseera.

Naannichatti Ebla 23 bara 2015 irraa eegalee manneen barnootaa kumi1 fi 218 keessatti hojiin baruufi barsiisuu eegalamuu Hogganaan Biiroo Barnootaa buclhhinsa yeroo Naannoo Tigraay Dooktar Kiroos Gu’ush himaniiru.

Manneen Barnootaa naannichatti argaman kuma 1 fi 466 keessaa manneen barnootaa kumni 1 fi 218 adeemsa baruuf barsiisuu idilee eegaluu eeraniiru.

Waliigaltee naageenyaa Piriitooriyaa booda Bulchiinsi yeroo naannichaa Biiroo barnootaa waliin ta’uun hojii damee barnootaa deebisanii dandamachiisurratti xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu Dooktar Kiroos eeruu DhPI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment