Finfinnee, Bitootessa 7, 2013 (FBC)- Naannoo Tigraayitti lammiilee miiliyoona 4.2 oliif deeggarsii miidhaa nyaata fi meeshaalee nyaatan alaa taasifamuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Amabaadaassar Diinaa Muftiin taatee torbe kanaarratti ibsa lataaniru.
Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin gita isaanii fi ambaasaaddaroota biyyoota garagaraa waliin mariin taasisaan, amabsaaddarroonni biyyoota garagaraa Finfinneetti argaman naannoo Tigaraayitti argamuun haala naannichaa fi deeggarsi taasifamaa jiru daawwachuu ibsaniiru.
Ambaasaddar Diinaan naannoo Tigraayitti hojiin deebisanii dhaabuu raawwatamaa jiraachuu himuun, lammiilee miiliyoona 4.2 ta’aaniif deeggarsii nyaata taasifamuu himaniiru.
Marsaa itti aanuutti lammiilee deeggarsi barbaachisu deeggaruuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa biyyoota garagaraa irra gara biyyaa debi’aa jaraachuu ibsun, Ityoophiyaanoota Yamaniitti argaman keessaa 150 ol har’a gara biyyaa akka deebi’aan ambaasaaddarichi ibsaniiru.
Mana amalaa sirreessaa Yamanitti balaa ibiiddaa qaqqabeen kanneen lubbuun darbee keessaa namoonni 43 Ityoophaanoota ta’uu ibsaniiru.
Torbe kanas Sa’uud Arabiyaa Jiddaa qofarraa lammiileen 888 gara biyyaa deebi’uu himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.