Tigraayitti intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddugaleessaa deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Ebla 20, 2015 (FBC)-Naannoo Tigraayitti intarpiraayizoota omishaa fooyyessuu fi kanneen miidhaman deeggaruuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Ittaanaan Daayrektara Misooma Intarpiraayizii Ityoophiyaa Phaawuloos Bargaa, sektarichi akka dandamatu pirojektoonni yeroo gabaabaa, giddu galeessaa fi dheeraa adda baafamaniiru.

Haala addaan deeggarsa taasisuuf kallattiin kaa’amuu ibsanii, yeroo dhiyootti hojiiwwan waliigalaa Tigraay keessatti akka jalqabaman ibsu ragaan Misooma Intarpiraayizii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ittaanaan Hoggaanaan Biiroo Indaastirii Naannoo Tigraay Mahaarii Gabramikaa’el, intarpiraayizoonni hundi sadarkaa garaagaraan miidhan irra ga’uu yaadachiisanii, hanga ammaatti hojiin kan eegalan akka hinjirre mirkaneessaniiru.

Qajeelfamni naannichaaf mijatu qophaa’uun idaa haquu fi liqii haaraan haala ittiiin walga’uu danda’u akka mijatu himaniiru.

Intarpiraayizoota kanneen saffisaan hojiitti galchuun ummata Tigraay rakkoo hedduun keessa jiru baraaruuf hunduu ga’ee isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment