Finfinnee, Amajjii 9, 2015 (FBC) –Naannoo Tigraayitti Indaastiriwaan oomishaa sababa walitti bu’iinsaan hojii dhaabanii turan hojii eegalchisuuf qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu Ministeerri Indaastirii beeksise.
Ministeerichati Daayireikteerri Qunnamti Ummaata Abaabaa Tammanaa Faanaa Broodkaasting Korporeetif akka ibsanittii, naannichattii Indaastiriiwwan oomishaa sababa walitti bu’iinsaan hojii dhaabanii turan gara hojitti deebisuuf qindoominaan hojjetamaa jira.
Haaluma kanaan ,jilli hoggantoota olaanoo Ministeerichaa gara naannichatti imaluun ,Indaastiriiwwaan oomishaalee irratti qorannoo gaggeessaa jiraachuun ibsameera.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.