Tigraayitti hidhattoonni kuma 55 olii hawaasatti makaman

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 (FBC)- Naannoo Tigraayitti hidhattoonni kuma 55 oliif geggeessan taasifamuun hawaasatti makamaa jiraachuun ibsame.

Ittaanaan Pireezidaantii fi Hogganaan Biiroo Nageenyaa Naannichaa Bulchiinsa Yeoo Naannoo Tigraayii Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradee ibsa kennaniin waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa bu’uureffachuun hidhattoonni kuma 55 ol kabajaan geggeeffamaniiru.

Kunis kan taasifameef hawaasni Tigraay nageenya waaraan akka mirkanaa’uuf qophii ta’uu argisuun akka ta’e himaniiru.

Hidhattoota geggeeffaman deebisanii dandamachiisuuf fuulduratti hojiileen hunda galeessaa ta’an pirojektoota garagaraan akka hojjetamanis ibsaniiru.

Hidhattoota kuma 55 ol geggeessaan taasifameef, aanaalee Naannoo Tigraayitti simannaan taasifamaafii jiraachuu ragaan Kominikeshinii Bulchiinsa Yeroo Naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment