Tigraayitti dhaabbanni bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 60 suphame tajaajila laachuu jalqabe

Finfinnee, Bitootessa 8, 2015 (FBC) – Naannoo Tigraay aanaa Carcaraatti dhaabbanni bishaan dhugaatii sababa waraanaan tajaajilaa ala ta’ee ture Birrii miiliyoona 60 suphame tajaajila laachuu jalqabeera.

Waliigaltee nageenyaa taasifame hordofee mootummaan federaalaa naannichatti iddoolee sababa waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuuf hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittifaan ibsaniiru.

Ministeerichis dhaabbilee dhiyeessa Bishaanii deebisee ijaaruuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Yeroo baatii sadi hin guunne keessatti hojiilee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaan hedduu hojjechuu Dooktar Injinar Haabtaamuun dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment