Tibba kana jiidhinsi gara Ityoophiyaa galee iddoowwan tokko tokkootti roobni salphaan akka jiraatuu taasisuu ibsame

Finfinnee, Muddee 13, 2013 (FBC)- Tibba kana jiidhinsi salphaan gara Ityoophiyaa galee iddoowwan tokko tokkootti roobni salphaan akka jiraatuu waan taasiseef of eeggannoon taasifamu akka qabu Eejansiin Raagaa Qilleensa Biyyooleessaa yaadachisee.
Eejensichatti daayreektarri ragaa fi of eggannoo duraa aadde Caalii Dabalee Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif akka ibsanitti, yeroo amma guyyaadhan gogiinsaa fi qilleensa halkan akkasumaas ganama ammoo qorrii jiraatus, jiidhiinsa gara biyya galuun dheengarraa eegale dumeessaa fi darbee darbee roobni muudata jira jedhan.
Jiidhnsi salphaan kunis galaana Hindirraa gara Ityoophiyaa kan galee yoo ta’u, iddoowwan tokko tokkootti dumeessii fi roobni akka jiraatuu taasiseera jedhan.
Haalli qillensichaa oomishoota sassabbii ga’aanii fi sassabbii oomishoota duraarran dhibbaa ga’u akka danda’uus himaniru.
Qonnaan bultoonnis of eeggannoo barbaachisaa taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Balaay Tsafaayeetu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment