Teembariin Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaaf qophaa’ee eebbifame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) – Teembariin Yaadannoo Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaaf qophaa’ee eebbifameera.
Guyyaa Dhagaan Bu’uuraa Hidha Haaromsa Guddichaa Itiyoophiyaa itti kaa’ame waggaa 13ffaan mata duree”Gamtaan Dandeenyeeraa “jedhuun magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira.
Itti Aanaan Ministir Muummee FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan saganticharratti argamuun agarsiisaa suuraa qophaa’ee eebbisuun bananiiru.
Akkasumas Teembarii Yaadannoo Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaaf Tajaajila Poostaa Itiyoophiyaan qophaa’ee eebbisiisuu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment