Finfinnee, Caamsaa 22, 2016 (FBC) – Isiraa’eel Teel Aviivitti walitti bu’iinsa Godaantoota Ertiraa gidduutti mudateen lubbuun nama 1 yoo darbu, hedduurra miidhaan qaamaa qaqqabuu ibsame.
Walitti bu’iinsa deeggartootaa fi mormitoota mootummaa Ertiraa gidduutti mudateen namni tokko meeshaa qara qabuun waraannamee du’uu Poolisii fi Ogeeyyiin yaalaa biyyattii beeksisaniiru.
Namoota shan irra miidhaan qaamaa cimaan kan qaqqabe yoo ta’u, 3 miidhaa sadarkaa lubbuu baasu keessummeessuu eerameera.
Walitti bu’iinsicha hordofee namoonni 20 to’atamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu Poolisiin Isiraa’eel ibseera.
Bara darbes deeggartootaa fi Mormitoota gidduutti walitti bu’iinsa uumameen qondaala Poolisii tokko dabalatee namoonni 70 du’uun kan yaadatamu ta’uu ‘The Times Of Israel’ gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia