Teeknooloojiwwan fayyaa haaraa fi imala fayyaa Ityoophiyaan jijjiramaa qabatamaan jiru argineerra-CDC

Finfinnee, Adoolessa 1, 2015 (FBC)- Teeknooloojiwwan fayyaa haaraa fi imala fayyaa Ityoophiyaa qoricha aadaarraa gara artifiishaal intalajansiitti taasifamuun jijjiirama qabatamaan jiru argeerra jedhan Daayrektarri Olaanaa Giddugala Ittisaa fi To’annoo Dhibeewwan Afrikaa (CDC) Jiin Kaasayaan.

Gareen Jilaa Hojjettootaa Giduugalichaa Argisiisaa Fayyaa Biyyaalessaa Godambaa Saayinsiitti gaggeeffamaa jiruu daawwateera.

Jiin kaasayaanii argisiischaa ilaalchisuun gama miidiyaa hawaasummaa isaniin, haala qabatamaa damee fayyaa Ityoophiyaan mul’atanii fi milkaa’inaalee galmaa’an dabalatee hojiilee hojjetamaa jiran hubachuun himaniiru.

Teeknooloojiwwan fayyaa haaraa fi imala fayyaa Ityoophiyaa, qoricha aadaarraa gara Artifiishaal Intalajansiitti taasifamuun jijjiirama jiru arguus ibsaniiru.

Daawwannicharratti hirmaachuutti gammachuu isaaniitti dhaga’amee ibsuun hojiilee hojjetamaa jiraan ifaa baasuuf ogeeyyii fayyaa tattaaffii taasisaa jiran galateeffataniiru.

Argisiisichi mata duree “Fayyaa dhaloota egereef 2023” jedhuun kan qophaa’ee fi Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin banamuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment