Teeknooloojiin to’annoo saffisaa, balaa tiraafikaa sababa saffisaan ga’u ni hir’sa jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2012 (FBC) – Teeknooloojiin to’annoo saffisa konkolaattootaa haaraan hojiirra oolaa jiru balaa tiraafikaa sababa ariitiin ga’u hir’isuurratti shoora olaanaa qabaachuu ibsame.
 
Teeknooloojiin kun haga ammaatti konkolaattoota kuma 3 fi 600 irratti kan hidhame yoo ta’u, ‘GPS’ waliin qindoomuun hojii to’annoo taasisa jedhame.
 
Teeknooloojiin too’annoo kun guutumaatti hojiirra yeroo oole konkolaataan tokko saffisa eeyyamamee ala akka hin imalle ni daangeessa jedhameera.
 
Meeshaan ariitii daangeessu kun ‘GPS’ waliin hidhata qabaachuun isaa konkolaattoota seera darban to’achuuf kan gargaaru ta’uus ibsameera.
 
Ragaa yaa’iinsa tiraafikaa meeshaa kanarraa argamu bu’ura godhachuun qorannoo imaammata daandii gaggeessuufis ni gargaara jedhame.
 
Teeknooloojiin kun faallama qilleensaa sababa konkolaattootaan qaqqabullee hir’isuuf ga’ee akka qabu himameera.
 
Yeroo ammaa naannoolee fi bulchiinsa magaaloota biyyattii hunda keessatti hojiin teeknooloojii kana hidhuu gaggeeffamaa jiraachuu daayreektarri Kominiikeeshinii Abbaa Taaytaa Geejjibaa Federaalaa obbo Yigizaw Daanyee ibsaniiru.
 
Hojiin hubannoo uumuuf hojjetamaa akka jiru obbo Yigizaw himaniiru.
 
Maddi:- TOI
 
Comments (0)
Add Comment