Teeknooloojiin hubannoo namtolee daandii akeektuu furmaataa ta’eera-Dr. Warquu Gaachanaa

Finfinnee, Adoolessa 13, 2016 (FBC)- Teeknooloojiin hubannoo namtolee daandii akeektuu furmaataa ta’eera jedhan Daayrektarri Inistitiyuutii Artifiishaal Intalajansii Dooktar Warquu Gaachanaan.

Inistitiyuutichi sagantaa jalqabsiisa leenjii Gannaa Golahambaa Saayinsiitti gaggeesseera.

Saganticharratti qondaaltonni mootummaa, leenjitoonnii fi maatiin leenjitootaa akkasumas keessummoonni biroon argamaniiru.

Dooktar Warquu Gaachanaan waltajjicharratti waggoottan lamaan darban barnoonni idilee wayita xumuramu inistitiyuutichi leenjitoota simachuun teeknooloojii Hubannoo Namtocheerratti leenjii kennaa turuu yaadachiisaan.

Dargaggoonni Itiyoophiyaa abbaa kalaqa teeknooloojii hubannoo namtolchee rakkoo furan akka ta’aniif, inistitiyuutichi leenjiin dandeettii isaanii akka cimsu dubbatan.

Dhaabbanni isaanis yeroo 3ffaaf leenjii kennu kanarratti leenjitoota 200 simachuun leenjisuuf qophii xumuruu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment