Teeknooloojii Saayinsii Niwukilaraa kaayyoo nageenyaaf fayyadamuuf hojjetamaa jira-Ministeericha

Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC)- Itiyoophiyan qabeenya qabdu guddina teeknooloojii waliin madaqsuun, teeknoolojii saayinsii niwukilaraa kaayyoo nageenyaaf fayyadamuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerrii Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksise.

Qaamolee qoodaa fudhattootaa ministeerota garagraarraa baba’an bakka argamanitti waltajiin qorannoo sagantaa niwukilaraa Itiyoophiyaa gaggeeffameera.

Waltajjiin qorannichaas maalummaa fi barbaachisummaa ijaarsa teeknooloojii niwukilaraa akkasumas abdiiwwan jiranii fi karooraa tarsiimawaa waggaa shaniirratti mari’atameera.

Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Baayyisaa Badhaadhaa, teeknooloojii niwukilaraa kaayyoo nageenyaaf oolchuuf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan ragga’uu fi mootummaa Raashiyaa waliin hojjechuuf mallatteessuu beeksiseera.

Teeknooloojii saayinsii niwukilaraa Itiyoophiyaa kaayyoo nageenyaaf fayyadamuuf sadarkaa jalqabaarratti kan argamu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Itiyoophiyaatti damee teeknooloojii niwukilaraa cimaa hundeessuuf tarsiimoon hundagaleessii bocamee gara hojiitti seenamuus eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment