Kalaqni teeknooloojii namoota yeroo rafan kurruufaniif mala ta’u ifoome

Finfinnee, Muddee 22, 2012 (FBC) – Kalaqni teeknooloojii haaraan namoota yeroo rafan kurruufaniif mala ta’u ifoome.

Namoonni hedduun  kan ittiin rakkatan rakkoo fayyaa waliin walqabatee hirriiba ga’aa rafuu kan nama dhoorkudha.

Maddi isaa qaama hargansuu uummamaa fi dhukkubbii yoo ta’u %60 – 80 dhiirota umurii waggaa 50 ol irratti akka argamu ta’uu qorannichi ni muldhisa.

Kalqni teeknooloojii haaraa kun sirna hargansuu qaamaa  kan fooyyeessuu fi kurruuffii ni dhoorka jedha qorannichi.

Teeknooloojichi funyaanirra kan kaa’amu yoo ta’u, sirna argansuu sirreessuun kurruuffii hambisuun hirriiba ga’aa akka rafamuuf ni gargaaraa jedhame.

 

Maddi:- ecoplanetdeals.com

 

 

Comments (0)
Add Comment