Finfinnee, Amajjii 14, 2014 (FBC) – Teeknooloojii fi meeshaan ammayyaa humni Qileessaa keenya hidhate bakka fuulleffate adda baasee kan rukutu waan ta’eef namoota nagaa hin miidhu jedhan Ajejaa olaanaan Humna Qilleensaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.
Himanni gareen shororkeessaa ABUT Humni Qilleensaa Ityoophiyaa lammiilee nagaa haleelaa jira jechuun dhiyeessu olola dhugaarraa fagaate ta’uu Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.
Humni Qilleensichaa balaa birmadummaa Ityoophiyaarratti fuullaffate qolachuuf ga’ee irraa eegamu ga’umsaan ba’uun biyya diigamuuraa baraaruu himaniiru.
Haleellaa qaama kamiiyyuurraa raawwatamu qolachuuf fi tarkaanfii deebii fudhachuuf ga’umsa guuturratti kan argamu ta’uu eeraniiru.
Humni Qilleensaa Ityoophiyaa yeroo gara yerootti humna namaa ga’umsa qabuu fi Teeknooloojii Ammayyaan gurmaa’aa jiraachuu himaniiru.
Teeknooloojii bakka fuulleffate adda baasee rukutu waan ta’ee lammiilee nagaarraa miidhaan qaqqabsiis hin jiru jedhan.
Humni qilleensichaa bu’uura ummataa fi namuusa gaariin kan ijaarrame ta’uu isaan oppireeshinii gaggeessu kamirrattuu lammiilee nagaarratti haleellaan qaqqabsiisu hin jiru jedhan.
Humni qilleensichaa nageenya naannoo Qilleensaa Ityoophiyaa sodaarraa bilisa akka ta’u eeguun proojektoonni gurguddoon sadarkaa biyyattii hojjetamaa jiran rakkoo tokko malee akka xumuranii fi tajaajila barbaaddamuuf akka oolan halkanii fi guyyaa hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.