Teeknooloojii dijitaalaan hojiileen tuurizimii Oromiyaa beeksisuu hojjetaman jajjabeessadha-KTO

Finfinnee, Mudde 20, 2015(FBC)- Teeknooloojii dijitaalaan damee tuuriizimii Oromiyaa qabeenyaa fi bakkeewwan hawwataa beeksisuuf hojiileen hojjetaman jajjabeessaa ta’uu Koomishiniin Tuurizimii Oromiyaa ibse.

Ittaanaan Koomishinaraa Koomishinii Tuuriizimii Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajoo Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif ibsa kennaniin, koomishinichi baatiiwwan ja’aan darbaanitti hojii invastiimantii olaanaa gaafatu qabeenyaalee tuuriizimii naannichaa gama beeksisuun hojii bal’aan hojjetamuu kaasaniiru.

Keessumaa damecha teeknooloojiin utubuun faayidaa barbaadamuu akka argamsiisuuf hojiilee hojjetamaniin teeknolojiiwwan dijitaalaa qopheessuun damechaaf oolfameera jedhan.

Haaluma kanaan appilikeeshinoota tuurizimii garaagaraa ifoomsuu kaasanii, ‘Virtual Reality’, ‘Google Artisan Culture’ fi Kaampaanii ‘Google’ waliinis hariiroo uumuun leecalloowwan hawwata tuuriizimii garaagaraa bifa suuraa fi suur-sagaleen akka olkaa’amanii fi tamsaafaman taasisuu eeraniiru.

Hojiileen teeknooloojii dijitaalaan damecha beeksisuu ammallee kan hafu ta’uu kan ibsan Obbo Naggaan, miidiyaa hawaasaa hundatti dhimma ba’uun qaqqabummaa teeknolojii dijitalaa mirkaneessuuf hojiin beeksisa qabeenyaa fi bakkeewwan hawwata tuuriizimii bal’aan hojjetamuu kaasaniiru.

Tuuristoota biyya alaa gama hawachuun sababaa rakkoo biyyaatti mudateen dameen tuuriizimii laafus, yeroo ammaa fooyya’iinsa jiruun jijjiiramni dhufaa jiraachuu kaasaniiru.

Biyya keessattis aadaan sochii tuuriizimii biyya keessaa dabalaa jiraachuu Obbo Naggaan eeraniiru.

Teeknoolojii dijitaalaan damechaa gama beeksisuutiin waltajjiiwwan idil addunyaa garaagaraatti dhimma ba’uun hojjetamaa turuu kan yaadachiisan Obbo Naggaan, ammallee tuuriizimii Naannoo Oromiyaa beeksisuuf carraalee jiranitti dhimma ba’aa jirra jedhaniiru.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment