Finfinnee, Guraandhala 21, 2016 (FBC)-Teeknooloojiin sirna loojistiksii saffisiisa jedhamee fi baasii Doolaara miiliyoona 50’n ijaarame eebbifameera.
Teeknooloojichi shaqaxootaa gabaa elektirooniksii akkasumaas tajaajila loojistiksii poostaa fi ergaawwan waliigalaa akka saffisiisuu abdatamuun ibsameera.
Tajaajilli kun sadarkaa damichaa kan guddisu ta’uun eerameera.
Teeknooloojichi baasii Doolaara miiliyoona 50’n kan ijaarame yoo ta’u, hojmaata tajaajila fe’umsaa fi loojistiksii kan ammayyeessuu fi tuttuqqaa namaarraa bilisa kan taasisu, dadhaabbii hir’isuun tajaajilicha kan saffisiisuudha jedhameera.
Sirna eebbichaarratti Ministira Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee dabalatee qondaaltonnii fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Zabiib Taklaayitu gabaase.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.