Tattamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf sosochii baatii jahaaf turu eegale

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC)- Tattamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf sosochii baatii jahaaf turu guyyaa har’aa eegaleera.
Sosochichi sababa dagachuutiin gara miidhaa biyyaalessaa olaanaattii ce’aa kan jiru tattamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf kan kaayyeeffate ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Ityoophiyaatti yeroo dhiyoo as lammiilee qorataman keessaa namoonni covid-19n qabaman dabalaa jiraachuu ibsameera.
Sababa kanaaf, tattamsa’ina vaayrasiichaa ittisuuf sosochiin baatii jahaaf turu eegalameera.
Haguuggii afaanii fi funyaanii miiliyoona 30 namoota harka qalleeyyiif hiruu, lammii haguuggii funyaanii fi afaanii hin godhanneef tajaajila laachuu dhiisuu fi barattootaan kan raawwatamu sagantaan hubannoo uumuu fi sochiin ni gaggeeffama.
Qajeelfamni ittisa vaayrasii koroonaa bahe 30/2013 hojiirra akka ooluuf hojiin hordoffii fi too’annoo ni hojjetama jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment