Tattaaffiin Fayyadamummaa waloo Naannawaa Daldala Walabaa Afrikaa mirkanneessuu cimee itti fufuu qaba jedhame

Finfinnee, Guraandhala 8, 2015 (FBC)- Tattaaffiin Fayyadamummaa waloo Naannawaa daldala Walabaa Afrikaanootaa mirkanneessuuf taasifamu cimee itti fufuu akka qabu Ambaassaddar Albeerti Muuchaangaan ibsan.

Gamtaa Afrikatti Koomishinaarri Misoomaa Dinaagdee , Daldalaaa fi Indaastirii Albuudaa Ambaassaddar Albeert Muchaangaan, sadarkaa pirojektiin Naannawaa Daldala Walabaa irra jiru ibsaniiru.

Ibsa isaaniin, Naannawaa Daldala Walabaa Kaayiroo hanga Afrikaa Kibbaa, Moorishees hanga Keepveerdi, gabaa bal’aa kan ilaallatuu fi Afrikaanoota miiliyoona fayyadamoo kan taasisuudha jedhan.

Damee maanufakchariingi, qonna, geejjibaa, leenjii barnoota dabalatee carraawwan baay’ee kan of keessatti qabate ta’uu komishinarichi dubbataniiru.

Raadiyaasii kiloo meetira Miiliyoona 1 walitti fiduun misoomaa fi badhaadhina waloof barbachisaa ta’uu eeraaniiru.

Karaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaan Biyyoota Afrikaa geejjiban walitti hidhuun carraaqqiiwwan jiraachuu ibsuun, cimee akka itti fufuu gaafaataniiru.

Naannawaa daldala Walabaa Ardichaa tokkummaa siyaasaa fi eenyummaa Afrikaa cimaaf bu’uuraa kan kaa’uudha jedhaniiru.

Afrikaan humna gabaa fi oomishaa gaha waan qabduuf mootummoonni hojiirraa oolmaa isaa murannoon hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Afwarqi Iyyaayyuu fi Habtaamuu Taklasillaaseetu gabase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment