Tattaaffii NATOn Addunyaa dhiibbaa isaa jala galchuuf taasisu dammaqinaan hordofuu barbaachisa- preezdaantii Iraan

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2014 (FBC) – Tattaaffii NATOn Addunyaa dhiibbaa isaa jala galchuuf taasisu dammaqinaan hordofuun barbaachisaa ta’uu  preezdaantiin Iraan Ibraahiim Raayis yaadachiisuu gabaafame.

Preezdaantichi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeey Laavroov waliin dhimmoota yeroo biyyattiirrattii fi tumsa waliigaltee niwukileraarratti mari’ataniiru.

NATOn dhiibbaa kutaalee addunyaa garaagaraatti qabu babal’ifachuuf yaaalii taasisu irraa akka ofqusatu akeekkachiisuun, waraana Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti gaggeeffamaa jiruuf sababni Ameerikaa fi Humna Waraanaa Waloo NATO ta’uu ibsaniiru.

Sochii babal’ifannaa dhaabbatichi Eeshiyaa gama Kaawukaazhuu fi Giddugala Eeshiyaatti taasisu dammaqinaan hordofuun barbaachisaa ta’uu preezdaant Ibraahiim Raayis turtii Ministira Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa waliin taasisaniin kaasaniiru.

Waraanni Raashiyaa fi Yuukreen saffisaan dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu eeruun, waraanichi furmaata dippiloomaasii akka argatuuf Iraan deeggarsa kan taasistu ta’uu ibsaniiru.

Mariin aanga’oota lameenii Iraanii fi Raashiyaan damee diinagdeen tumsa bu’aa qabeessa taasisuuf kutannoo qaban kan argisiisu ta’uu Prees TVn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment