Tattaaffii Ityoophiyaan hiyyummaa baleessuuf taasisaa jirtu Chaayinaan deeggaraa jirti –Obbo Dammaqaa Makkoonniin

Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (FBC) – Tattaaffii Ityoophiyaan hiyyummaa baleessuu fi Badhaadhina mirkaneessuuf taasisaa jirtu Chaayinaan yeroo hunda cinaa kan dhaabbattu ta’uu obbo Dammaqaa Makkoonniin ibsan.
Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkoonniin hundeeffama hariiroo dippiloomaasii Ityoophiyaa fi Chaayinaa waggaa 50ffaa sababeeffachuu marii viidiyoo konfaransiin gaggeeffameerratti hirmaataniiru.
Walitti dhufeenya seenaa qabeessa biyyoota lamaanii fi hariiroo dippiloomaasii yeroo ammarratti mari’atameera.
Mariin kun mata duree ‘Tumsi hunda galeessi tarsiimoo Iityoo – Chaayinaa hariiroo Afrikaa Chaayinaaf moodeelaa fi tumsa Kibba Kibbaa’ jedhuun kan gaggeeffameera.
Hariiroon Invastimantii Baaburaa salphaa magaalaa Finfinnee, Paarkoota Indaastirii, paarkii hawwata Turstii, teeknooloojii Saatalaayitii Ityoophiyaa fi Chaayinaan waliin qaban walitti dhufeenyi jiru olaanaa ta’uu agarsiisa jedhan.
Biyyoonni lameen walitti dhufeenya bara dheeraa daldalaa fi diinagdee qabaachuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
Maricharratti kan hirmaatan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen faayidaa diinagdee dhaabbileen chaayinaa misooma invastimantii Ityoophiyaarraa argatan ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Itti aanaan Preezdaantii Misooma Chaayinaa Afrikaa fi Preezdaantiin Dhaabbata Huujiyaan Gruup Ityoophiyaatti rakkoolee dhaabbilee Chaayinaa misooma invastimantii garagaraarratti hirmaachaa jiran qunnamaa ture ilaalchisee muuxxannoo qoodaniiru.
Hariiroon biyyoota lamaanii faayidaa waloorratti kan hundaa’e ta’uu maricharratti ibsameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment